Finfinnee, Fulbaana 7, 2019(FMC)- Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf biyyoonni naannawichaa tumsaan hojjechuu qabu jedhan Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa( IGAD) Dooktar Warqinaa Gabayyoon.
IGAD gamaaggama karoora invastimantii oomisha qonnaafi sirna nyaataa fi Imaammata sanyii qonnaa naannawaa IGAD hanga bara faranjootaa 2035’tti hojiirra oolchu gaggeesseera.
Dooktar Warqinaa Gabayyoo wayita kana balaawwan naannawichatti mudachuu malan ittisuuf waliin dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Karoorri invastimantii oomisha qonnaafi sirna nyaataa waggoota 10 dhaabbatichaa naannawichatti sirna nyaataa cimaafi waaraa ijaruuf dandeessisa jedhan.
Imaammanni sanyii qonnaa naannawaa IGAD’s dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa kan dandamatuufi diinagdee waaraa uumuu akka danda’u ibsaniiru.
Afrikaatti jijjiirama fiduuf inisheetiiviiwwan IGAD qooda olaanaa qabaachuus kaasaniiru.
Dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf biyyoonni naannawichaa tumsaan hojjechuu akka qaban ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.