Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa waggoottan saddeetan darniif itti fufiinsaan hojjetamaa jira jedhan Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa kutannoo fi yaada waliinii Itiyoophiyaanonni harka wal qabatanne boruu magariisaa fi itti fufiinsa qabu ijaaruu ni dandeenya jedhuun cimee itti fufeera.
Har’i guyyaa Itiyoophiyaanonni dhaloota dhufuuf ashaaraa waaraa kaa’uuf walitti qabamanii biqiltuu dhaaban, sagantaa waggaa waggaan gaggeeffamu sagantaa dhaabbii biqiltuu biyyaalessaa guyyaa tokkooti jedhan.
Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi Koree Biyyaalessaa COP32 wajjin taanee, ashaaraa keenya kaa’uun imala waloo kanaaf gahee keenya gumaachinee jirra jedhen Fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin.
Har’a guyyaa tokkootti biqiltuuwwan miiliyoona 800 dhaabuuf karoora qabame milkeessuuf waloon hojjeta jirra, Itiyoophiyaanonni guyyaa guutuu dhaabuu akka itti fufan waamicha koon dhiyeessa jedhan.