Innisheetiiviin Ashaaraa Magariisaa sirna uumamaa deebisanii bayyaannachisuuf qooda guddaa gumaachaa jira – Dooktar Lalisee Namee

Finfinnee, Adoolessa 4, 2018 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoolee miidhaman deebisanii misoomsee dhiqama biyyee hir’isuudhaan eegumsi naannoo ittifufiinsa qabu akka uumamu gargaareerri jedhan Daariktarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo DooktarLalisee Namee.

Dooktar Lalisee Namee sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalama irraa, bosonas mancaatii irraa kan ittiin eegnudha jedhaniiru.

Sagantichi oolantummaa madaala uumamaa jal’ate sirreessuuf karaa guddaa ta’uu ibsuun, Ashaaraan Magariisaa deebisanii bayyanachuuf sirna uumamaatiif qooda gudbaa gumaachaa jira jedhan.

Jijjiirama qilleensaa dandamachuuf, faalama qilleensaa hir’isuuf fi dhaloota dhufuuf biyya mijattuu fi magariisa taate dabrsuuf gumaacha olaanaa akka qabus eeraniiru.

Hojii Raawwachiistuun Ashaaraa Magariisaa fi Bosona Nama Tolchee Abarruu Xannaa gama isaaniin, biqiltuun sagantaa kanaan dhaabaman eegumsa naannoon alatti, bu’aa diinagdee olaanaas argamsiisaa jiru jedhaniiru.

Sagantichi gumaacha Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa hir’isuu keessatti qabdu sadarkaa idil addunyaatti calaqqisiisuun, fayyadamummaa gabaa kaarbooniifis bu’uura mijataa uumaa akka jiru dabalanii ibsaniiru.

Sagantaan kun keessattuu biqiltuuwwan biyya keessaa babal’isuun madaala sirna uumamaa eeguuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

Itoophiyaan miidhaa jijjiiramni qilleensaa geessisu damdamachuuf, uwwisa bosona ishee guddisuuf fi wabii nyaataa mirkaneessuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaa inisheetiivii Ministira Mummee Dooktar Abiy Ahmadiin jalqabame bara 2011 irraa kaasee hojiirra oolchaa jirti.

Sagantaa kanaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 48 ol kan dhaabaman yoo ta’u, barana mata duree “Abdii Nadhaabna” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf qophiin taasifameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment