Finfinnee, Adoolessa 3, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti xiyyeeffannoon misooma jallisiif kenname bakkeewwan hongeen miidhamanii turan gara oomishtummaatti ceesisee jira jedhe Biroon Qonnaa naannichaa.
Hoogganaa Ittaanaan Birichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa akka jedhanitti, hojimaatonni ammayyaa naannicha keessatti diriirsaman, dhiyeessiin calla-guddistuu ariifataa fi ce’umsi tekinooloojii seektera qonnaa gara boqonnaa haaraatti ceesisaniiru.
Baroota darban keessa qonni meeshaalee aadaarratti qofa hirkatee ture gara makaanaayizeeshiniitti ce’aa jiraachuun tarkaanfii tarsiimawaa jijjiirama guddaa fide ta’uu eeraniiru.
Babal’achuu makaanaayizeeshinii kanaan qotee bulaan nyaata guyyaaf oolu bira darbee oomisha gabaaf ta’u bal’inaan akka oomishu fi gara fayyadamaa diinagdee olaanaatti akka ce’uuf karra kan saaqeef ta’uu ibsaniiru.
Sirni qonna kilaastaraa naannichaa keessatti bal’inaan hojiirra oole, dhiyeessii calla-guddistuu fi teknooloojiiwwan makaanaayizeeshinii waaltina tokko keessatti walitti hidhanii fayyadamuuf haala akka mijeesses dubbatan.
Misoomni qamadii kilaastaraa naannichaa keessatti bal’inaan hojiirra oole hojiiwwan misooma jallisii bonee, arfaasaa fi ganna qindaa’aanii raawwatamaniin lafa hektaara miliyoona 6.8 ol misoomsuun akka danda’ame caqasaniiru.
Kanaanis oomisha kuntaala miliyoona 300 ol oomishuun akka danda’ame eeranii, bu’aan kun qonni naannichaa kallattii haaraa hoogganamaa jiruun bu’a-qabeessa fi abdi-qabeessa ta’uu isaaf ragaa guddaadha jedhan.
Naannolee gammoojjii kanaan dura hongee fi beela guddaan beekaman gara oomishtummaa itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf hojiwwan raawwataman milkaa’ina gurguddoo sekterichaa ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf ibsaniiru.
Keessattuu Godina Booranaatti pirojektiin hidha jallisii Fiinaa fi pirojektoonni walfakkaatoon hojiitti galuun fayyadamummaa hawaasummaa fi diinagdee hawaasichaa qabatamaan mirkaneessaniirus jedhan.
Pirojeektonni jallisii kunniin hawaasni horsiisee bulaa baroota dheeraaf bishaan fi marga barbaacha bakkaa bakkatti godaanaa ture fi amala jireenya aadaa isaa hundee irraa akka jijjiirus eeraniiru.
Hojiiwwan tarsiimoo kunniin ilaalcha naannicharratti ture jijjiiruudhaan, har’a naannoleen gammoojjii wiirtuu misooma qamadii bal’aa fi jallisii akka ta’an gargaaruu isaa ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia