Finfinnee, Adoolessa 3, 2018(FMC)- Cabiinsa diinagdee ture furuuf inisheetiiviiwwan hojiirra oolaan bu’aa guddaa argamsiisaniiru jedhan Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.
Guyyaa har’aa kilaasterri horataalee mootummaa naannoo Oromiyaa gamaaggama gabaasa raawwii hojii bara 2018 bakka Obbo Awwaluu Abdiin argamanitti geggeeffameera.
Obbo Awwaluu Abdiin wayita kana waggoottan shanan darban qormaata guddaa nu qunnamaa turan dandamachuun injifannoo argamerratti aggaammii taasifamu qolachaa gama biraan immoo hojii misoomaa hedduu milkeessaa turre jedhan.
Jijjiiramaan dura sadarkaa mindaa kaffaluu dadhabbuufi namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman hirkattummaa jala turuu yaadachiisanii, hojii inisheetiivii adda addaa bocamee hojjetameen gara ofdanda’uutti cee’uu himaniiru.
Yeroo ammaa diinagdeen Itiyoophiyaa sadarkaa Afrikaatti diinagdee saffisaan guddachaa jiru ta’uufi cabiinsa diinagdee ture furuuf inisheetiiviiwwan hojiirra oolaan bu’aa guddaa argamsiisuu himaniiru.
Bara kana al-ergii bunaarraa galii sharafa alaa biyyattiin argatte Doolaara biiliyoona3 ol keessaa gumaachi Oromiyaa %75 ol akka ta’u eeruun, buusaa gonofaa, hojii ijaarsa pirojeektii finnaafi humnoota waloo qindeessuun hojii hojjetameen hojiin hawaasa rakkoo dandamachiisuu danda’u hojjetameera jedhan.
Bara 2019 keessas pooteenshaala keenya beekuun galii karoorsuu, aadaa qusannoo jijjiiruu, pirojektota hordofuu, bittaa e-governance’n raawwachuufi rincica keessaa ba’uu barbaachisa jechuun hubachiisuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia