Wantoonni waggoottan darban karoorsine hundi milkaa’oo turan- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Wantoonni akka biyyaatti waggoottan darban keessa karoorsine hundi milkaa’oo turan jedhan Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo ashaaraa magariisaan ashaaraa isaanii kaa’aniiru.

Wayita kana sagantaan ashaaraa magariisaa kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin bara 2011 eegalame bu’aalee hedduu argamsiisuu ibsaniiru.

Uumamni Itiyoophiyaa bosona, midhaan garaagaraafi fuduraalee badhaasuu eeranii, kaka’umsi misoomsuu keenyaa garuu gadi aanaa ture jedhan.

Sababa Kanaan qabeenya uumamaa keenya hedduu dhabneerra; jijjiirama qabeenya qilleensaan walqabatees miidhaa hedduu keessummeessineerra jedhaniiru.

Itiyoophiyaan irra deddeebiin hongeef saaxilamaa akka turte yaadachiisanii, karoora seenaa kana jijjiiruuf karoorfaman keessaa sagantaan ashaaraa magariisaa tokko ta’uu dubbataniiru.

Sagantaan dhaabbii biqiltuu waggaa waggaan lammiilee hirmaachisuun gaggeeffamu dhaloota har’aaf qofa osoo hin taane dhaloota egereef kan darbu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaanonni biqiltuuwwan biiliyoonatti lakkaa’aman dhaabuun seenaa hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa dabalatee hojiileen mootummaa ida’amuun waggoottan darban keessa karoorfaman dhugoomaa jiraachuu ibsaniiru.

Abeel Nawaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment