Finfinnee, Waxabajjii 21, 2018 (FMC)- Ameerikaan haleellaa diroonii Doonii Paanaamaa ulaa Hoormuuz irraan darbaa turerratti raawwatame hordofee Iraan irratti haleellaa haaraa raawwatteetti.
Qochollaa ulaa Hoormuuz irratti dooniiwwan daldalaa irratti raawwatamuuf deebii kennuuf Ameerikaan guyyaa kaleessaa qiyyeeffannaawwan loltummaa Iraan irratti haleellaa qilleensarraa raawwachuun ibsameera.
Haleellaa Ameerikaafi Iraan walirratti raawwatan hordofee waliigalteen dhukaasa dhaabuu biyyoota lameen gidduutti mallattaa’ee ture cabuu isaaf biyyoonni lameen wal himachaa jiru.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Teehiraaniif irra darbamuu akka hin qabne kaasanii, hojii loltummaa eegalame xumuruuf akka dirqaman beeksisaniiru.
Kuni yoo uumame Rippaabilikni Islaamummaa Iraan itti hin fufu, dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu rippaabilikichaa balaarra bu’a jedhan.
Waraanni Ameerikaa ibsa baaseen, Iraan waliigaltee mallattaa’e akka kabajju carraan kennameefii turuu yaadachiisuun, haa ta’u malee humnoonni biyyattii dooniiwwan daldalaarratti haleellaa raawwachuun waliigalticha cabsuu filataniiru jedhe.
Haaluma Kanaan jeettiiwwan waraanaa Ameerikaa qiyyeeffannaawwan waraanaa Iraan naannawaa Ulaa Hoormuuzitti argaman 10 haleeluu ibseera.
Eegduun Warraaqsa Islaamummaa Iraan gamasaan, Ameerikaan mandheewwan dahannaa Iraan naannawaa qarqara Galaanaatti argaman irratti haleellaa raawwachuu beeksiseera.
Haleellichaaf deebii kennuuf bu’uuraalee misoomaa waraanaa Ameerikaa ijoo Kuweetiifi Baahireenitti argaman 8 irratti haleellaa miisaa’ela baalaastikiifi diroonii raawwachuu ibseera.
Gama biraan Ministeerri Dhimma Alaa Iraan qiyyeeffannaawwan humnoota Ameerikaa waliin walitti dhiyeenya qaban irratti haleellaan dabalataa raawwatamuu ibsuun, muddamaafi waldhabdee uumameef Ameerikaan akka itti gaafatamtu eereera.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia