Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamaa meeggaa waattii Kuma 60 maddisiisuuf kan dandeessisu qabeenyaa uumamaa qabdi.
Bara 2030tti humna elektirikaa meeggaa waattii Kuma 15 maddisiisuuf karoorfattee hojjetaa jiriti.
Dhiyeessiin anniisaa guddina dinagdee, ce’umsa indaastirii, babal’ina teeknoloojiifi badhaadhina uummataa keessatti gahee murteessaa qaba.
Itiyoophiyaanis dandeettii anniisaa haaromfamaa qabdu fayyadamuun bu’uuraalee misoomaa anniisaa amansiisoofi itti fufiinsa qaban diriirsaa jirti.
Humni kun irra caalaan isaanii humna bishaanii, qilleensaa, aduufi hurkarraa kan argamaniidha.
Imala kana mirkaneessuuf Hidhi Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa gahee olaanaa kan qabu yoo ta’u, yeroo guutummaatti hojii irra oolu humna elektirikaa meeggaa waattii kuma 5 caalu maddisiisuun fedhii humnaa biyya keessaa guutuu fi guddina indaastirii saffisiisuuf gumaacha guddaa kan qabuudha.
Mootummaan Itiyoophiyaa Sagantaa Biyyaalessaa Dhaqqabummaa Elektirikii (National Electrification Program) fayyadamuun, uummata sarara elektirikii ijoo irraa fagaatanii argaman anniisaa haaromfamuu danda’u akka fayyadaman taasisuuf karoorfatee, pirojektoota hedduu raawwachaa jira.
Humna elektirikaa gahaa, amansiisaa fi gatii madaalawaan dhiyeessuun, indaastirii fi paarkiiwwan teeknooloojii cimsuun oomishtummaa fi carraa hojii guddisuuf bu’uura murteessaa kan qabu ta’uus hubachuun ni danda’ama.
Itiyoophiyaan anniisaa elektirikaa oomishaa jirtu fedhii biyya keessaa guutuuf qofa osoo hin taane, gara gabaa naannawaattis ceesisuun daldala alaa babal’isaa jirti.
Yeroo ammaa humna elektirikaa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaatti gurgurachaa kan jirtu yoo ta’u, biyyoota Baha Afrikaa biroo waliin walitti hidhamiinsa humnaa cimsuufis tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jirti.
Daldalli humna elektirikaa kun galii biyyaaf argamsiisuu fi sharafa alaa dabaluun alatti, biyyoota ollaa waliin walitti hidhamiinsa dinagdee fi tajaajilaa cimsuuf carraa bal’aa uumaa jira.
Warraaqsi anniisaa Itiyoophiyaa ifa uumuu qofa osoo hin taane, bu’uura ce’umsa dinagdee, guddina indaastirii, babal’ina teeknooloojii fi badhaadhina uummataa mirkaneessaa jira.
Itiyoophiyaan misooma anniisaa haaromfamaa cimsitee itti fufuun hamma anniisaa Elektirikaa biyyoota ollaaf dhiyeessitu dabaluuf hojjechaa jirti.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa