Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Xaaliyaaniin nageenya dooniwwan ishee Galaana Diimaarra sosocho’anii eeguuf daandii daldalaa Bab el-Mandeb irratti dooniiwwan waraanaa bobbaasuufi.
Sosochii Finciltoonni Huutii naannawaa Galaana Diimaatti taasisaa jiran hordofee dooniwwan daldalaa Xaaliyaanii sodaa nageenyaa keessa galuu Ministirri Raayyaa Ittisaa biyyattii Guuyidoo Kirooseetoon ibsaniiru.
Dooniwwan Galaana Diimaarra bilisummaan socho’uu yoo hin dandeenye diinagdeen addunyaa sodaa keessatti kan kufu ta’uu ministirichi dubbataniiru.
Room nageenya dooniwwan daldalaa ishee tiksuuf murtoo waloo gamtaa Awurooppaa hin eegdu jedhan.
Yeroo itti aanu Dooniwwan waraanaa fi humna galaanaa ishee Galaana Diimaatti kan bobbaastu ta’uu eeruu isaanii ‘Al Jazeera’n gabaaseera.
Miikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia