Yaada Ameerikaan Waraana Dhaabuuf Dhiyeessiteef Deebiin Iraan Kennite Kan Hin Fudhatamnee dha – Donaald Tiraamp

Finfinnee, Caamsaa 3, 2018 (FMC) – Pirezidaanti Donaaldi Tiraampi waraana Ameerikaa fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru xumuruuf yaada Ameerikaan dhiyeessiteef, deebiin gama Iraaniin kenname guutummaatti kan hin fudhatamne dha jedhan.

Iraan deebii ishee biyya jaarsummaan biyyoota lamaan araarsuuf yaalaa jirtu, Paakistaaniif ergiteetti.

Qabxiileen Iraan akka haaldureetti dhiyeessite keessaa adda waraanaa hunda irratti waraanni hatattamaan akka dhaabbatu kan jedhu isa tokko.

Ameerikaan sochii galaana Iraan irratti danqaa uumtu akka dhaabdu fi uggurri maallaqaa fi qabeenya Iraan irra kaa’ames akka ka’u Iraan dhiyeessiteetti.

Kana booda biyyattii irratti weerarri akka hin raawwatamne waadaa wabii argachuu akka qabdus gaafatteetti.

Dabalataan, Iraan waraana kana dhaabuuf bu’uraalee misoomaa jalaa barbadaa’aniif beenyaan akka kaffalamuufi Ulaa Hormuuz irratti bulchiinsi abbaa biyyummaa ishee akka kabajamuuf akka barbaaddu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Torban darbe Donaaldi Tiraampi waraanni kun dhiyootti ni xumurama jedhanii kan turan yoo ta’u, Ministirri Muummee Israa’el Beniyaamiin Netaaniyaahuun gama isaaniitiin, waraana kana dhaabuuf Iraan yuuraaniyeemii gabbisuu ishee guutummaatti dhaabuu ishee madaallii keessa galchuun barbaachisaa dha jedhaniiru.

Iraan ammas wiirtuulee yuuraaniyeemii itti gabbistu qabaachuu ishee eeraniiru.

Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan gama isaaniitiin, ulaagaalee Ameerikaaf dhiyeessan ifatti dubbachuu baatanis, “Diina fuulduratti mataa keenya hin buusnu; marii irra kan jirrus waan mo’amneef miti,” jedhaniiru.

Donaaldi Tiraampi deebii Iraan gama Paakiistaaniin dhufe dubbisuu isaanii miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ibsuun, “Yaadicha hin jaallanne; guutummaatti kan hin fudhatamnedha,” jedhaniiru.

Abeel Nawaayiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment