Finfinnee, Fulbaana 9, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan yaadama Ida’amuun daandii injifannoo haaraa galmeessaa jirti.
Imala Badhaadhinaa yaadama Ida’amuun masakame hojiirra oolchuun injifannowwan haaraa galmeessaa jirti.
Miseensa BRICS ta’uun ishee ammoo hariiroo dippilomaasii ishee sadarkaa olaanaatti guddisuun hariiroo biyyoota addunyaa waliin qabdu caalmaatti cimseera.
Hariiroon dippilomaasii michummaa obbolummaa irraa gara hariiroo tarsiimawaatti ceesisuu fi dhaga’amtummaa ishee akkaan dabaleera.
Hariiroo dhimma diinagdee qofarratti rarra’aa turerraa gara dhimma daldalaa, invastimantii, teeknooloojii, nageenyaafi tumsa misoomaatti ce’uun carraawwan haaraa baneera.
Kunis hirmaannaan biyyattiin waltajjiiwwan idil-addunyaa adda addaarratti taasiftu carraawwan investimentii, hojii uumuu, gabaafi tumsa teeknooloojii guddisuu danda’eera.
Itiyoophiyaan tumsa naannawaa guddisuun faayidaa biyyaalessaa ishee tumsa ardiifi idil-addunyaa waliin walsimsuun hariiroo alaa ishee gara boqonnaa haaraatti ceesisuun imala gara badhaadhinaatti taasisaa jirtu qabatamaan dhugoomsaa jirti.
Itiyoophiyaan BRICS tti makamuun ishee ammoo yeroo gabaabaa keessatti dhaga’amtummaafi murteessummaatti akka ceetu ishee taasiseera.
Yaa’ii 18ffaa BRICS irrattis hojii dippilomaasii xiyyeeffannoo olaanaan argate galmeessiteerti.
#Oromia #Ethiopia