Yaa’ii hariiroo Afrikaa fi Faransaay caalmaatti cimsuurratti xiyyeeffate…

Finfinnee, Caamsaa 4, 2018(FMC) – Yaa’iin Afrikaa fi Faransaay ‘Africa Forward Summit’ jedhamu Keeniyaa Magaalaa Naayiroobiitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’iin qopheessummaa Afrikaa fi Faransaayiin gaggeeffamaa jiru kun, tumsa haaraa Faransaayii fi Afrikaa walqixummaarratti hundaa’e cimsuurratti kan xiyyeeffateera.

Pireezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroonii fi Hoggantoonni biyoota Afrikaa 30 olii yaa’icharratti argamaniiru.

Yaa’ii jalqabaa Faransaay biyyoota Afrikaa Afaan Ingiliizii dubbatan keessatti qopheessite jedhame.

Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad yaa’icharratti hirmaachuuf Keeniyaa magaalaa Naayiroobii jiru.

Pireezidaantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakroon Afrikaa keessatti Yuuroo biiliyoona 23 Invastii gochuuf fedhii qabaachuu ifoomsaniiru.

Hojiin Invastimantii kunis lammiilee kuma 200 fi kuma 50 ol ta’aniif kallattiin carraa hojii kan uumu ta’uu dubbatan.

Faransaay Afrikaa keessatti michummaa dinagdeefi siyaasaa cimsachuuf carraaqaa jiraachuu aanga’oonni Faransaay dubbataniiru.

Hariiroo Awurooppaa fi Afrikaa caalmaatti guddisuuf qophii haaraan taasifamuu eerame.

Hariiroo daldalaa, Invastimantii, Faayinaansii jijjiirama qabeenya qilleensaa fi tumsa nageenyaarratti mariiwwan garaagaraa gaggeeffamaniiru.

Siifan Magarsaatiin.

Comments (0)
Add Comment