Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) Yaa’iin Duraa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 7ffaa Fulbaana 15 – 18 Bara 2019 Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti ni gaggeeffama.
Haaluma kanaan Filannoo Marsaa 7ffaa gaggeeffameen Miseensa Caffee Oromiyaa taa’anii kanneen filataman hundi Fulbaana 14, 2019 waaree booda sa’aatii 7:30 irraa eegalee galmeen waan gaggeeffamuuf Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti akka argaman Caffeen Oromiyaa waamicha dhiyeesseera.