Yaa’iin waggaa Gamtaa Afrikaafi Mootummoota Gamtoomanii xumurame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC) – Yaa’iin waggaa Gamtaa Afrikaafi Mootummoota Gamtoomanii 10ffaan ibsa ejjennoo waloo abbaa qabxii 26 baasuun xumurameera.

Yaa’ichi bakka Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez fi Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahimuud Alii Yusuuf argamanitti Finfinneetti gaggeeffame.

Ibsa waloon baasaniinis nageenyaafi tasgabbii ardichaa, mirga namoomaa fi misooma waaraa mirkaneessuu akkasumas ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 fi galmoota misoomaa idil-addunyaa 2030 milkeessuuf tumsaan hojjechuu akka itti fufan mirkaneessaniiru.

Haala waqtaawaa damee nageenyaafi tasgabbii irrattis bal’inaan mari’achuun walitti bu’iinsonni fi muddamni karaa dippiloomaasiin akka furaman hubachiisaniiru.

Misooma waaraa ilaalchisees dhaabbileen maallaqaa idil-addunyaa haala qabatamaa yeroo ammaa fi fedhii misoomaa ardichaa akkaataa bu’uureffateen fooyya’iinsa caaseffamaa akka godhan gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment