Finfinnee, Adoolessa 26, 2018(FMC)- Yuuniivarsiitiin Jimmaa Ministeera Nageenyaa waliin ta’uun sagantaa jalqabbii leenjii tajaajila tola ooltummaa nageenya biyyaalessaa marsaa 15ffaa gaggeesseera.
Inistiitiyuutii Teeknooloojii Yuuniivarsiitichaatti Daayrektarri Saayintifik Injinar Eefreem Waaqjiraa wayita kana, yuuniivarsiitichi nageenya waaraafi walooma cimsuu irratti hojiilee hedduu hojjechaa akka ture ibsaniiru.
Daragaggoota Ministeerri Nageenyaa hanga ammaatti leenjise kuma 80 ol keessaa Yuuniivarsiitiin Jimmaa marsaa 11’n dargaggoota kuma 19 ol leenjisuu eeraniiru.
Guyyaa har’aas dargaggoota kuma 1 ol simachuun leenjisuu akka eegale kaasaniiru.
Hogganaan Deeskii Deeggarsaafi Hordoffii Tajaajila Tola Ooltummaa Biyyaalessaa Ministeera Nageenyaa Tizaazuu Dassaalanyi gamasaaniin, tokkummaa sabdaneessaa cimsuuf fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Leenjii kanaan leenjiin gabbina sammuufi ogummaa akka kennamu kaasanii, dargaggoonni aadaa ofiifi warreen kaan gargaaruu akkasumas aadaa waliin jireenyaafi tajaajila tola ooltummaa akka guddifataniif gargaara jedhan.
Ministeerri Nageenyaa waqtii gannaa magaalota 50 keessatti tola ooltota kuma 6 hojiilee arjooma dhiigaa, qulqullina, haaromsa manneenii, dhaabbii biqiltuu, deeggarsa barnootaa irratti hirmaachisaa akka jiru eeraniiru.
Huseen Kadirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia