๐ˆ๐ง๐ข๐ฌ๐ก๐ž๐ž๐ญ๐ข๐ฏ๐ข๐ข ๐ˆ๐ง๐๐š๐ฌ๐ญ๐ข๐ซ๐ข๐ข ๐†๐จ๐๐จ๐จ, ๐€๐ค๐ค๐š ๐๐ฎโ€™๐ฎ๐ฎ๐ซ๐š ๐‚๐žโ€™๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š ๐ˆ๐ง๐๐š๐ฌ๐ญ๐ข๐ซ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข

Finfinnee, Caamsaa 13,2018(FMC) โ€“ Inniisheetiiviin indaastirii godoo buโ€™uura ceโ€™umsa indaastiriiti jedhan pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Obbo shimallis ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, dameen kun yeroo dheeraaf akka hojii harkaa-gara-afaanii jeejee itti dabarfachuuf qofa hojjatamuutti ilaalamaa turuu ibsan.

Kunis humna omishaa guddaa maatiifi gandoota keenya keessa jiru akka hinijaarreefi hinfayyadamne akkasumas ogummaafi dhaweessummaan akka hindagaagne taasiseeras jedhan.

Indaastiriin godoo harโ€™a hojii xiqqaafi bittinnaaโ€™aa miri kqn jedhan obbo Shimallis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee kana akka buโ€™uura ceโ€™umsa indastiriifi birmadummaa dinagdee Oromiyaatti olkaasuu ibsan.

Jijjiiramni kun dubbii qofaan osoo hintaane, hojii ๐™ž๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ง๐™จ๐™– ๐™จ๐™ž๐™ง๐™ฃ๐™–๐™– irratti hundaaโ€™een mirkanaaโ€™aa jiraachuus kaasaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka kanatti aanutti dhiyaateera:

๐ˆ๐ง๐ข๐ฌ๐ก๐ž๐ž๐ญ๐ข๐ฏ๐ข๐ข ๐ˆ๐ง๐๐š๐ฌ๐ญ๐ข๐ซ๐ข๐ข ๐†๐จ๐๐จ๐จ: ๐€๐ค๐ค๐š ๐๐ฎโ€™๐ฎ๐ฎ๐ซ๐š ๐‚๐žโ€™๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š ๐ˆ๐ง๐๐š๐ฌ๐ญ๐ข๐ซ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข

๐™ƒ๐™–๐™ฌ๐™–๐™–๐™จ๐™ฃ๐™ž ๐™ค๐™ข๐™ž๐™จ๐™๐™ช ๐™๐™ž๐™ง๐™š๐™š ๐™ž๐™จ๐™–๐™– ๐™ค๐™›๐™ž๐™ž๐™ฃ ๐™ข๐™ช๐™ง๐™ฉ๐™š๐™š๐™›๐™›๐™–๐™ฉ๐™–!

Yeroo dheeraaf indastiriin godoo akka hojii harkaa-gara-afaanii jeejee itti dabarfachuuf qofa hojjatamuutti ilaalamaa ture. Kunis humna omishaa guddaa maatiifi gandoota keenya keessa jiru akka hinijaarreefi hinfayyadamne akkasumas ogummaafi dhaweessummaan akka hindagaagne taasiseera.

Harโ€™a garuu kallattiin sun jijjiirameera. Indastiriin godoo harโ€™a hojii xiqqaafi bittinnaaโ€™aa miti. Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee kana akka buโ€™uura ceโ€™umsa indastiriifi birmadummaa dinagdee Oromiyaatti olkaaseera. Jijjiiramni kun dubbii qofaan osoo hintaane, hojii ๐™ž๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ง๐™จ๐™– ๐™จ๐™ž๐™ง๐™ฃ๐™–๐™– irratti hundaaโ€™een mirkanaaโ€™aa jira.

Damichi hudhaalee hedduun kan guutameefi sadarkaa daran gadaanaarra ture. Garuu sodaannee hinteenye. Bara 2012 irraa eegallee imaammataafi tarsiimoo bocuun, waggoota afuriif haala dandeessisoo uumu irratti hojii baldhaa hojjetaa turreerra. Buโ€™uuruma kanaan:

๏‚ง ๐™Ž๐™๐™š๐™š๐™™๐™ค๐™ฉ๐™–๐™–๐™›๐™ž ๐™ฌ๐™ž๐™ž๐™ง๐™ฉ๐™ช๐™ช๐™ก๐™š๐™š ๐™ฌ๐™–๐™ก๐™ž๐™ฃ๐™ž๐™ž baldhinaan ijaarree, omishtoota kilaastaraani gurmeessineerra.

๏‚ง ๐˜ฝ๐™–๐™–๐™ฃ๐™ ๐™ž๐™ž ๐™Ž๐™ž๐™ž๐™ฃ๐™ฆ๐™š๐™š waliin taโ€™uun, hojii rakkoo madda faayinaansii furuuf raawwanneen, harโ€™a liqii baankichi dhiyeessu keessaa %75 ๐™ก๐™ž๐™ฆ๐™ž๐™ž ๐™ญ๐™ž๐™ญ๐™ž๐™ฆ๐™ฆ๐™–๐™– akka taโ€™u taasifneerra.

๏‚ง ๐™Ž๐™ž๐™ž๐™ฃ๐™ฆ๐™š๐™š ๐™‡๐™ž๐™ž๐™ฏ๐™ž๐™ž hundeessuun, dhiyeessii ๐™ข๐™š๐™š๐™จ๐™๐™–๐™–๐™ก๐™š๐™š ๐™ ๐™–๐™–๐™ฅ๐™ฅ๐™ž๐™ฉ๐™–๐™–๐™ก๐™–๐™–๐™›๐™ž ๐™ฉ๐™š๐™ ๐™ฃ๐™ค๐™ค๐™ก๐™ค๐™Ÿ๐™ž๐™ž salphisaa jirra.

โ€ข Jiโ€™oota kurnan darban qofa waldaalee/๐™ž๐™ฃ๐™ฉ๐™–๐™ง๐™ฅ๐™ž๐™ง๐™–๐™–๐™ฎ๐™ž๐™ฏ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™–a ๐Ÿด๐Ÿฏ๐Ÿฒ taโ€™aniif meeshaalee kaappitaalaa ๐Ÿฒ,๐Ÿฑ๐Ÿฌ๐Ÿฎ birrii ๐™—๐™ž๐™ก. ๐Ÿฏโ€™tti dhiyaatu ittibahe karaa dhaabbata kanaa dhiyeessineera.

โ€ข Walumaagala, hanga ammaatti waldaalee/๐™ž๐™ฃ๐™ฉ๐™–๐™ง๐™ฅ๐™ž๐™ง๐™–๐™–๐™ฎ๐™ž๐™ฏ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™–a ๐Ÿฎ,๐Ÿด๐Ÿฐ๐Ÿฌ taโ€™aniif meeshaalee kaappitaalaa ๐Ÿญ๐Ÿฏ,๐Ÿญ๐Ÿด๐Ÿฑ birrii ๐™—๐™ž๐™ก. ๐Ÿฑ.๐Ÿณ ittibahe dhiyeessuun dandaโ€™ameera.

โ€ข Dabalataanis, guyyoota muraasa booda ๐™ฌ๐™–๐™ก๐™™๐™–๐™–๐™ก๐™š๐™š ๐Ÿฎ๐Ÿฎ๐Ÿฐ taโ€™aniif meeshaalee kaappitaalaa ๐Ÿญ,๐Ÿฌ๐Ÿฒ๐Ÿฏ karaa โ€˜Siinqee Liiziiโ€™ kan dabarsinu taโ€™a.

๏‚ง Sirna ๐™ก๐™š๐™š๐™ฃ๐™Ÿ๐™ž๐™ž ๐™ค๐™œ๐™ช๐™ข๐™ข๐™–๐™–๐™›๐™ž ๐™™๐™๐™–๐™ฌ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™ช๐™ข๐™ข๐™–๐™– diriirsuun, daldaltoota, omishtootaafi dhaweessitootaaf sadarkaa garaagaraatiin leenjii kennaa jirra; akkasumas ๐™™๐™๐™–๐™ฌ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™ช๐™ข๐™ข๐™–๐™–๐™›๐™ž ๐™ค๐™œ๐™ช๐™ข๐™ข๐™–๐™–๐™ฃ ๐™จ๐™ž๐™ง๐™ฃ๐™– ๐™—๐™–๐™ง๐™ฃ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™–๐™– keessatti akka hammataman taasifneerra.
๏‚ง ๐™Ž๐™–๐™œ๐™–๐™ฃ๐™ฉ๐™–๐™– ๐™ฌ๐™–๐™ก๐™™๐™ค๐™ง๐™œ๐™ค๐™ข๐™ข๐™ž๐™ž๐™›๐™ž ๐™—๐™š๐™š๐™ ๐™–๐™ข๐™ฉ๐™ž๐™ž dhaweessitootaafi kalaqeessitootaa dhaabbataan gaggeessuu jalqabneerra.

โ€˜๐™„๐™ฃ๐™ž๐™จ๐™๐™š๐™š๐™ฉ๐™ž๐™ซ๐™ž๐™ž ๐™„๐™ฃ๐™™๐™–๐™จ๐™ฉ๐™ž๐™ง๐™ž๐™ž ๐™‚๐™ค๐™™๐™ค๐™คโ€™ keenya bara 2012 irraa eegalee baldhinaan hojiitti kan galchine buโ€™uura cimaa kanarra dhaabbaneeti. Sochiin kunis jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jira.

Bara jalqabaa (2016) keessa namoota ๐Ÿฎ,๐Ÿฑ๐Ÿฌ๐Ÿณ ๐™ฆ๐™ค๐™›๐™–๐™–๐™› hojii uume ture.
Harโ€™a garuu ๐™จ๐™š๐™ ๐™ฉ๐™–๐™ง๐™ค๐™ค๐™ง๐™– ๐Ÿญ๐Ÿฎโ€™n, ๐™จ๐™๐™š๐™š๐™™๐™ค๐™ฉ๐™– ๐Ÿฏ๐Ÿณ,๐Ÿฑ๐Ÿฏ๐Ÿด ijaaruun ๐™ ๐™ž๐™ก๐™–๐™–๐™จ๐™ฉ๐™–๐™ง๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐Ÿต,๐Ÿฑ๐Ÿต๐Ÿฐ jalatti gurmeessineerra.
Kanaanis lammiileen ๐™ข๐™ž๐™ก. ๐™ฉ๐™ค๐™ ๐™ ๐™ค๐™คfi ๐—ธ๐˜‚๐—บ๐—ฎ ๐Ÿญ๐Ÿฑ๐Ÿฌ caalaniif carraa hojii umameera.
Ogeeyyifi dhaweessitoota miliyoonaan lakkaโ€™aman horachaa jirra.

Guddinni kun lakkoofsa qofa miti; sirna ijaaramaa jirudha. Dargaggoonni hojii argachaa jiru; dubartoonni hirmaannaa dinagdee keessatti qaban cimsachaa jiru; maatiin galii isaanii fooyyessaa jiru. Hundaaโ€™ol, ogummaafi dhaweessummaa lafa kufee kaโ€™aa jira. Haataโ€™uutii, jijjiiramni guddaan isa kana caalu, ๐™Ÿ๐™ž๐™Ÿ๐™Ÿ๐™ž๐™ž๐™ง๐™–๐™ข๐™– ๐™ฎ๐™–๐™–๐™™๐™–๐™ข๐™– irratti dhufaa jirudha.

๐™„๐™ฃ๐™™๐™–๐™จ๐™ฉ๐™ž๐™ง๐™ค๐™ค๐™ข๐™จ๐™– ๐™Š๐™ง๐™ค๐™ข๐™ž๐™ฎ๐™–๐™– (industralization of Oromia) alaa eeguu dhiifnee, keessaa ijaaruu jalqabneerra. Qabeenya naannawaa, ogummaa aadaa ummataafi humna hojii keessoo keenya irratti hundaaโ€™uun, ๐™—๐™ชโ€™๐™ช๐™ช๐™ง๐™– ๐™ž๐™ฃ๐™™๐™–๐™จ๐™ฉ๐™ž๐™ง๐™ž๐™ž ๐™ ๐™–๐™–โ€™๐™–๐™–๐™›๐™ž ๐™™๐™ž๐™ฃ๐™–๐™œ๐™™๐™š๐™š ๐™ค๐™›๐™™๐™–๐™ฃ๐™™๐™–โ€™๐™š๐™š ๐™ž๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ง๐™–๐™– jirra. Indaastirii Godoo haajennu malee, gosoonni hojii marti intarpiraayizoota xixiqqaafi guddigaleessaa maashinoota xixiqqaafi giddugaleessaa fayyadamaniin gaggeeffamaa jira.

Amma imalli keenya gara gulantaa ittaanuutti ceโ€™uu qaba. Indastirii godoo babaldhisuu qofti gahaa miti. Gama tokkoon qulqullina omishaa olkaasuu, walitti hidhamiinsa gabaa cimsuufi gara sirna omishaa dorgomaa taโ€™etti ceesisuun murteessaadha. Gama birootiin, intarpiraayizoota kanniin gara omisha meeshaalee kaappitaalaatti ceesisuun humna indastirii jabaafi qindaaโ€™aa uumuun barbaachisaadha. Ergamni kun ammoo kan mootummaa qofa osoo hintaane, ergama qooda fuudhattoota misooma Oromiyaa hundaati.

Walumaagalatti, mootummaan keenya ogummaafi dhaweessummaa hawaasa keenyaa keessumaa dargatootaa dagaagsuun imala jalqabame kana gara sirna indastirii jabaafi ofdandaโ€™eetti ceesisuuf haaragalfii malee kan hojjatu taโ€™a.

Hawaasa ogummaa qabu, dhaweessa taโ€™eefi omishu hiree ofii ofiin murteessa!

Comments (0)
Add Comment