Finfinnee, Adoolessa 10, 2018 (FMC) – Hiriira nagaa boru Finfinneetti gaggeeffaman hordofee daandiwwan tajaajila geejjibaaf cufaman ifoomaniiru.
Gaaga’ama naannoo Tigraayitti hammaachaa dhufe mormuuf, akkasuma mootummaa Federaalaa fi hawaasa idil addunyaaf beekisuuf hiriirri nagaa mata duree ‘ukkaamsoon haa dhaabbatu, nageenyi haa waaru’ jedhuun boru barii eegalee Addabaabayii Masqalaatti ni gaggeeffama.
Hanga hiriirichi xumuramutti daandiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomaniiru.
Daandiin Magganaanyaa karaa Addabaabayii 22 gara Addabaabayii Qulqulluu Uraa’eelii fudhatu,
Boolee gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, Addabaabayii Oloompiyaatti,
Gootaraa gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu Agoonaa Siinimaatti,
Caffee Aannaniiin Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu Ibsaa Laga Harreetti.
Qaxxaamura Teelee Laga Harreen gara Istaadiyeemii kan fudhatu, Qaxxaamura Teelee Laga Harreetti,
Daalattiin gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu Masaraa Biyyaalessaatti,
Qarsaa gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu Hospitaala Maqiraziitti,
Tiyaatira Ambaasaaddariin gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu, ibsaa Harraambeetti boru barii sa’aatii 11:00 hanga hiriirichi xumuramutti cufaa ta’uu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.