Finfinnee, Hagayya 10, 2018 (FMC) — Arseenal fi Maanchistar Siitiin tapha xumuraa waancaa Komuniitii Shiildii irratti har’a waliin taphatu.

Arseenaal waancaa Pirimiyeer Liigii, Maanchistar Siitiin immoo waancaa FA moo’achuun, tapha xumuraa Komuniitii Shiildii irratti akka walitti dhufan taasiseera.

Arseenaal seenaa Komuniitii Shiildii keessatti yeroo 17’f waancaa moo’achuun sadarkaa olaanaa irra jira.

Maanchistar Siitiin gama isaatiin yeroo 7 qofa waancaa kana moo’ateera.

Arseenaal yeroo dhumaaf waancaa Komuniitii Shiildii bara dorgommii 2023/24 kan moo’ate yoo ta’u, Maanchistar Siitiin immoo bara dorgommii 2024/25 mo’achuun isaa ni yaadatama.

Seenaa Komuniitii Shiildii keessatti Maanchistar Yunaayitid yeroo 21 waancaa kana moo’achuun kilaboota hunda dursaa jira.

Taphni xumuraa Arseenaal fi Maanchistar Siitii gidduutti gaggeeffamu har’a galgala sa’aatii 11:00 irratti taphatama.

#Ethiopia #Oromia

Comments (0)
Add Comment