Finfinnee, Waxabajjii 7, 2018(FMC)- Abbaan Gadaa Tuulamaa haaraan Geetuu Taliilaa bara Gadaa isaanitti aadaafi duudhaalee Oromoo cimsuuf ni hojjenna jedhan.
Abbaan Gadaa Geetuu Taliilaa Sirna walharkaa fuudhinsa Alangee Gadaa Tuulamaa 71ffaa irratti haasawa taasisaniin, bara Gadaa isaanitti ardaalee jilaa misoomsuu, aadaafi duudhaalee Oromoo cimsuufi dhimmoota nageenyaarratti cimsanii kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Alangee gadoomaa kan dabarsan Goobanaa Hoolaa gama isaaniin, barri Gadaa Muudanaa bara nagaafi tokkummaan Oromoo gidduutti dagaagu akka ta’u hawwaniiru.
Bara Gadaa isaanii hojiilee sirna Gadaafi ardaalee jilaa Oromoo bakkatti deebisuu hojjetaniin milkaa’uu himaniiru.
Gadaan Muudanaa Alangee fudhates dhimma nageenyaafi tokkummaa Oromoo irratti cimsee akka hojjetu dhaamuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia