Finfinnee, Onkololeessa 20, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Awutoobisoota boba’aarraa gara Gaazii Uumamaatti jijjiiraman 26 hojii eegalchiisaniiru.
Baatiwwan darban keessa hojiin Gaazii Uumamaa gara Finfinnee geejjibsiisuu, buufataalee qopheessuu, Awutoobisoonni boba’aan socho’aa turan gara Gaazii uumamaatti jijjiiruu hojjetamaa turaniiru.
Tarkaanfiin seenaa qabeessi kun sharafa alaa bittaa boba’aaf oolu sadarkaa olaanaan hir’isu akkasuma taarifa geejjiba uummataa walakkaan hir’isuun jireenya lammiilee foyyeessuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Hojiin Konkolaattoota Boba’aan hojjetan dandeettii ofiin gara Gaazii Uumamaatti jijjiiruu kun ce’umsa teeknooloojii mirkaneessa, baasii geejjibaa fi faalama qilleensaa hir’isa, yeroo lammiilee qusata,akkasuma qabeenya biyya keessaa sirnaan fayyadamuuf gargaara.
Tattaaffiiwwan Nyaata, mana jireenyaa fi Geejjiba irratti hojii qabatamaa hojjechuun jireenya lammiilee bu’uuraan jijjiiruu eegalaman cimanii itti fufu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad saganticharratti ergaa dabarsaniin.
Hojiin Gaazii uumamaa baasuu Godeetti eegalame boqonnaan jalqabaa firii buusuun faayidaa kennuu eegaleera.
Buufanni Boba’aa Tajaajila Gaazii uumamaaf waan hin taaneef Adaamaa fi naannawaa birootti buufataaleen addaa Gaazii uumamaaf oolan ijaaramaniiru.
Gaazii oomishame Godee gara buufataaleetti geejjibsiisuuf Taankaroonni addaa Gaazii uumamaa qophaa’aniiru.
Baasiwwan Ambassaa kana dura Finfinneetti Naafxaan tajaajila Geejjibaa kennaa turan Motorri isaanii gara Gaazii uumamaatti akka jijjiiraman taasifamaniiru.
Baatiwwan muraasa darban keessa Awutoobisoonni 26 Motorri isaanii guutummaatti gara Gaazii uumamaatti jijjiiramanuun tajaajilaaf qophii ta’aniiru.
Hojiin Baasiwwan kanneen gara Gaazii uumamaatti jijjiiruu yeroo waan fudhatuuf, jijjiirama saffisaa fiduuf baatiwwan sadan itti aanan keessa Baasiwwan haaraa 400 alaa galchuuf hojjetamaa jira.
Baasiwwan haaraan kunneen wayita gara biyyaa seenanii hojii eegalan Finfinnee keessatti uwwisa tajaajilaa baasiwwan Ambassaa % 34 qaqaatu.
Waggoota muraasa itti aanan keessa Geejjiba Ummataa Magaalaa Finfinnee guutummaatti gara Gaazii umamaatti jijjiiruuf ni hojjetama.
Itti fayyadamni baasii Gaazii uumamaa hojimaata amma jiruun yoo madaalame, xiqqaattti % 50 hir’isa.
Baasii geejjibaa, mana jireenyaa fi nyaataa akka hir’atu gochuun, rakkina jireenyaa lammiilee galii gadi aanaa qaban salphisuun galma ijoo dha.
Milkaa’inni mootummaa kan madaalamu karoorsuu fi dubbachuu qofaan osoo hin taane qormaatilee ce’uun hojiilee xumuruun faayidaa ummataaf oolchuni.
Geejjibaa fi galteewwan oomishaa qabeenya biyya keessaan bakka buusuun, oomishaalee biyya alaa galan hir’isuun barbaachisaa dha.
Warshaaleen Seeraamiikaa Moojoo fi Dabrabirhaan gara Gaazii uumamaatti kan jijjiiraman yoo ta’u, fedhii seeraamikaa biyya keessaa % 100 uwwisu.
Warshaaleen Gaazii uumamaan, akkasuma oomishaaleen Taankaroota Gaazii uumamaan geejjibsiifamuu eegaluun baasii ijaarsa manaa hir’isa.
Gaazii uumamaa boba’aa alaa galuun bakka buusuun, baasii sharafa alaa hir’isuu fi qaala’iinsa gatii to’achuuf gahee olaanaa qaba.
Taankaroonni Gaazii Uumamaa meeshalee Warshaarraa gara iddoolee ijaarsaatti geejjibsiisan 100 baatiwwan 2 -3 keessatti gara biyyaa ni galu.
Gaaziin uumamaa boqonnaa 2ffaan oomishaman ammoo tajaajila oomisha Xaa’oo fi Anniisaa Elektirikaa maddisiisuuf oolu.
Kaayyoon guddaan Gaazii Uumamaa oomishuu Geejjiba Ummataa qaqqabamaa, baasii qusatan, naannoo eeganii fi saffisaa ta’an ijaaruun jireenya lammiilee guyyaa guyyaa fooyyessuudha.
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa