Nyaata, mana jireenyaa fi Geejjiba irratti hojii qabatamaa hojjechuun jireenya lammiilee bu’uuraan jijjiiruun cimee itti fufa – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2019 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad har’a Awutoobisoota boba’aarraa gara Gaazii Uumamaatti jijjiiraman 26 hojii eegalchiisaniiru.

Baatiwwan darban keessa hojiin Gaazii Uumamaa gara Finfinnee geejjibsiisuu, buufataalee qopheessuu hojjetamaa turuu eeran.

Kanaafis Awutoobisoonni boba’aan hojjetaa turan gara Gaazii uumamaatti akka jijjiiraman taasifamuu kaasan.

Tarkaanfiin seenaa qabeessi kun sharafa alaa bittaa boba’aaf oolu sadarkaa olaanaan kan hir’isu ta’uu eeran.

Dabalataan Taarifa geejjiba uummataa walakkaan hir’isuun lammiileef aara galfii gaarii ta’a jedhan.

Hojiin Konkolaattoota Boba’aan hojjetan dandeettii ofiin gara Gaazii Uumamaatti jijjiiruu ammaa ce’umsa teeknooloojii kan mirkaneessu akka ta’e kaasan.

Dabalataanis, boba’aa irratti hirkannoo qabnu guutumaan guutuutti hambisuufi gaazii uumamaa biyya keessatti oomishaa jirru bal’inaan itti fayyadamuuf kan nu dandeessisan, Awutoobisoonni haaraan 400 kan gaazii uumamaan hojjetan yeroo dhiyootti gara biyyaa ni galu jedhan.

Tattaaffiiwwan Nyaata, mana jireenyaa fi Geejjiba irratti hojii qabatamaa hojjechuun jireenya lammiilee bu’uuraan jijjiiruu eegalaman cimanii itti fufu jedhan.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment