Aadde Adaanech Abeebeen Barattoota Kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessisaniif beekamtii kennan

Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 (FMC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, Dhaabbilee fi barattoota kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessisaniif beekamtii kennaniiru.

Magaalaa Finfinneetti barattoota kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara, 2018 qabxii olaanaa galmeessisanif sagantaan beekamtii kennuu gaggeeffameera.

Sirna beekamtii kennuurratti kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa dabarsaniin, Qabxiin barattoonni galmeessisan kun, yoo carraaqqii fi tattaaffiin hojjetame milkaa’inni kana caalu argamuu akka akka danda’u agarsisftudha jedhan.

Bulchiinsi magaalichaa barattoonni qabxii fooyya’aa akka galmeessisaniif damee barnootaan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Barsiisonni, manneen barnootaa fi maatiin barattootaa bu’aa kana caalu galmeessuuf qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Qiddisti Birhaanuutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment