Finfinnee, Onkololeessa 21, 2019 (FMC) –Dorgaa Dorgeen Faanaa Laamroot boqonnaa 23ffaan olaantummaa Hayilamaariyaam Taganuun xumurameera.
Dorgommii xumuraa boqonnaa 23ffaa kanaan dorgomtoonni arfan Birrii miiliyoona 1 kan qooddatan yoo ta’u Hayilamaariyaam Taganuu 1ffaa bahuun badhaasa Birrii kuma 400, Barakat Masfin 2ffaa bahuun badhaasa Birrii kuma 300, Daawiit Attaalaay 3ffaa bahuun badhaasa Birrii kuma 200, akkasuma Hayilayesuus Taaddageen 4ffaa bahuun badhaasa Birrii kuma100 badhaafamaniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa