Itiyoophiyaan yakkoota daangaa ce’aa ittisuuf teeknooloojii walitti hidhamiinsa imaltootaa idil-addunyaa hojiirra oolchuuufi

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan yakkoota daangaa ce’aa ittisuuf teeknooloojii walitti hidhamiinsa imaltootaa idil-addunyaa hojiirra oolchuuufi jedhan Komishinarri Jeneraalaa Ajaja Waliigalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel.

Barri yakkoonni idil-addunyaa teeknooloojiin deeggaramanii fi caalaatti walxaxoo ta’an uumameera jedhan.

Yakkaawwan idil-addunyaa walxaxoo ta’an kana to’achuu fi yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf, dandeettii teeknooloojii yeroo ammaa wajjin walsimu ijaaruun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Sirni Teeknooloojii walitti hidhamiinsa imaltoota idil addunyaa Interpooliin misoome kun shororkeessitoonni yakka raawwatanii daangaa ce’anii dhokatan akkaataa seeraan biyyoota miseensaaf dabarsanii kennuuf kan dandeessisuudha jedhan.

Kanaanis, Interpooliin yakkaawwan daangaa ce’anii raawwataman ittisuuf, akkasumas namoota yakka raawwatanii dhokatan adda baasuun dabarsanii kennuuf kan gargaaru sirna teeknooloojii walitti hidhamiinsa imaltootaa idil-addunyaa guddisuu isaa Jeneraal Dammaallaash ibsaniiru.

Teeknooloojichi shororkeessitoota yookaa yakka daangaa ce’aan kanneen barbaaddaman biyya kamiiyyuu keessatti haala salphaan to’achuuf murteessaa ta’uu eeruu ENA’n gabaasera.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment