Finfinnee, Ebla 19, 2018(FMC) – Mariisiftoonni Yaa’ii Maree biyyaaleessaa lammiilee hundaaf qixa aantummaa qabaachuu qabu jedhan Komishinarri Olaanaan Maree Biyyaaleessaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.
Komishinichi leenjii hubannoo cimsuu jalqabaa mariisiftoota Yaa’ii Maree biyyaaleessaaf Adaamaatti kennuu eegaleera.
Komishinichi bu’aa ba’ii hedduu keessatti yaada lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaarraatti walitti qabaa turuu ibsan Piroofeesar Masfin Ar’aayaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Hojiin dhamaatii hedduun hojjetame kun bu’aan isaa kan argamu wayita mareen biyyaaleessaa milkiin gaggeeffameedha jedhan.
Kunis akka milkaa’uu gaheen mariisiftootaa olaanaa ta’uu dubbatan.
Mariisiftoonni itti gaafatamummaa isaanii karaa aantummaa qabuun bahuuf qophaa’uu akka qaban yaadachiisan.
Leenjii kanarratti mariisiftoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo fi kutaalee hawaasaa garaagaraa keessaa walitti babba’an 200 ta’an hirmaachaa jiru.
Haala gurmuu, sirna hojmaataa fi dhimmoota dhaabbatummaa biroorratti leenjichi kennamaa jiraachuu komishinichi ibsa faanaa Diijitaaliif ergeen himeera.
#Oromia #Ethiopia