Finfinnee,Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Holaa Sirna Ginna buufachuu raawwataniiru.
Waggoota 8 darbanitti rifeensaafi areedasaanii magarsuun filatanii dibachuun uffata aadaa kuula garaagaraan faayame uffatanii Aangoo Gadaan kenneefiin Oromoo tajaajilaa turuu himan abbaan Gadaa Goobana Hoolaan.
Bara Godoomasaaniitti Aangoo kennameef sirnaan raawwachuun jalabultii Alangee dabarsuuttimmoo Sirna Ginna buufachuu raawwachuu OBN gabaaseera.
Sirni Ginna buufachuu kun areedaafi rifeensa mataa haaddachuun uffata kuula hin qabne uffachuu of keessatti hammata jedhan, Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa.
Akeekni isaas aangoonsaanii daangeffamuusaa ibsuuf ta’uu himan.
Alangeen Gadaa Tuulamaa marsaa 71ffaa Dilbata dhufu Ardaa Jilaa Dhaka Koraatti dabarfama.
Gadaan Meelbaa Gadaa Muudanaa Alangee fudhachuuf qophaa’aa jiruuf ergaa hawwii gaarii dabarseera.