Finfinnee, Ebla 16, 2018 (FMC) – Adeemsa baruufi barsiisuu teeknooloojiin deeggaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech Abeebeen guyyaa har’aa sadarkaa magaalaatti agarsiisa kalaqaa barattootaa 11ffaa eegalchiisaniiru.
Wayita kana hojiilee baruufi barsiisuu teeknooloojiin deeggaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Barsiisonniifi barattoonni badhaadhina Itiyoophiyaaf ashaaraa isaanii kaa’aa jiraachuu eeruun, hojiilee kalaqaa barsiisuun fi miira dorgommii uumuun tattaaffii magaalicha Ismart Siitii gochuuf taasifamu keessatti qooda isaanii bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hojiileen kalaqaa agarsiisicharratti dhiyaatan abdii kan namatti horaniifi jajjabeeffaman ta’uu kaasanii, Biiroon Barnootaa magaalichaa hojiilee akka kanaa jajjabeessuu cimsee itti fufa jedhan.
Akka biyyaatti dhaloota yaadarra darbee dandeettii raawwachuu qabu uumuuf hojjetamaa jiraachuu; kunis kalaqa saayinsii keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Hogganaan Biiroo Barnootaa magaalichaa Dooktar Zalaalam Mulaatuun gama isaaniin, imalli guddinaa keenya agarsiistuu ga’umsa badhaadhina keenyaati jedhan.
Kutannoon hojiilee kalaqaafi qorannoo guddisuuf fudhatame barattoonni beekumsa qofa osoo hin taane ilaalcha gara gochaa qabatamaatti akka jijjiiran dandeessisaniiru jedhan.
Hojimaanni kalaqa barattootaa jajjabeessu manneen barnootaa keessatti hojiirra oolaa jiraachuus eeraniiru.
Agarsiisa guyyoota lamaaf gaggeeffamu kanarratti barattoonni kutaa 5ffaa- 12ffaa kumni 3 ol hojiilee kalaqaa isaanii dhiyeessaa jiraachuunis ibsameera.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia