Adeemsi baruufi barsiisuu bara 2019 sadarkaa biyyaalessaatti eegale- Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019(FMC)- Adeemsi baruufi barsiisuu bara barnootaa 2019 guyyaa har’aa sadarkaa biyyaalessaatti eegaleera jedhe Ministeerri Barnootaa.

Ministeerichatti dursaan hojii raawwachiisaa sagantaalee fi fooyyessii qulqullina barnootaa Dooktar Yohaannis Wagaasoo, bara barnootaa 2019 barattoonni miiliyoonni 30 ol barnoota isaanii ni hordofu jedhamee akka eegamu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.

Ministeerichi gamaaggama biirolee barnootaa naannoleefi bulchiinsa magaalotaa waliin gaggeesseen barattoonni miiliyoona 20 ta’an guyyaa har’aa barnoota isaanii eegaluu akka danda’an mirkaneessuun danda’ameera jedhan.

Guyyoota itti aananitti manneen barnootaa hafan adeemsa baruufi barsiisuu jalqabsiisuuf rakkoolee mul’atan adda baasuun tarkaanfii barbaachisaan akka fudhatamu eeraniiru.

Ijoollee umriin isaanii barnootaaf gahe gara manneen barnootaatti fiduurra darbee manneen barnootaa keessa akka turaniifi ogummaa akka gonfatan taasisuun itti gaafatamummaa qaamolee hundaa ta’uu hubachiisaniiru.

Waggoottan sadan darban keessa sosochii “Barnoota Dhalootaaf” jedhuun qabeenya Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 46 ol walitti qabuun manneen barnootaa haaraa hedduu fi dareewwan barnootaa dabalataa ijaaramuu yaadachiisaniiru.

Kunis kutannoo hawaasni barnootaafi ijaarsa dhalootaaf qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Sagantaa nyaata barattootaan bara darbe barattoonni miiliyoonni 8 fi kumni 900 fayyadamoo ta’uu eeruun, bara kanas babal’isuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

Comments (0)
Add Comment