Adeemsi Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uu fiixee milkaa’inaa irra ga’eera – Dooktar Kaasaahun Gofee

Finfinnee, Ebla 19, 2018 (FMC)- Adeemsi Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uu fiixee milkaa’inaa irra ga’eera jedhan Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhaminsa Naannawwaa Dooktar Kaasaahun Gofeen.

Dooktar Kaasaahun adeemsicha ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniru.

Dooktar Kaasaahun ibsa kennaniin, tibba kana walgahiin marsaa 7ffaa biyyoota 22 hirmaachisee Jeneevaatti gaggeeffame irratti gareen hojii hirmaate Itiyoophiyaan Miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa akka taatuuf wixinee kan dhiyeesse yoo ta’u, biyyoonni miseensa dhaabbatichaas amananii fudhachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan biyyoonni 5 ulaagaa Itiyoophiyaan dhiheessite fudhachuu fi biyyoonni sagal ammoo fedhii agarsiisuu kaasanii, kanneen keessaa biyyoonni afur yeroo dhiyootti gabaa shaqaxa Itiyoophiyaa keessatti akka hirmaatan ibsuu isaanii eeraniiru.

Haaluma kanaan dhuma bara 2026tti Itiyoophiyaan guutummaatti miseensa dhaabbatichaa akka taatu abdiin jiraachuu mirkaneessaniiru.

Mootummaan Federaalaas deggersa garii hojii kanaaf kennaa jiruuf Dooktar Kaasahuun galateeffataniiru.

Guutaa Owwaataatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment