Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar Af-yaa’ii Paarlaamaa Azeerbaajaan waliin mari’atan

Finfinnee, Adooleessa 22, 2018 (FMC) – Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar, Af-yaa’ii Paarlaamaa Azeerbaajaan Dooktar Sahibaa Gaafaroovaa fi jila isaanii waliin mari’ataniiru.

Marii kana irratti Obbo Aganyahu, Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dhiheenya kana magaalaa Baakuutti daawwannaan hojii geggeessan hariiroo Itiyoophiyaa fi Azeerbaajaan gidduutti boqonnaa haaraa kan bane ta’uu yaadachiisaniiru.

Daawwannaan kun dameewwan siyaasaa, daldalaa, invastimantii, anniisaa, tuuriizimii, teeknooloojii fi dameewwan biroo fedhii waloo qaban keessatti tumsa jiru cimsuuf bu’uura cimaa kaa’uu ibsaniiru.

Obbo Aganyahu daawwannaan Dooktar Sahibaa Gaafaroovaa fi jila isaanii hariiroo biyyoota michuu lameenii yeroo gara yerootti cimee itti fufe hojii qabatamaatti jijjiiruuf kutannoo waloo kan mul’isu ta’uu dubbataniiru.

Waltajjiin Marii Siyaasaa Itiyoophiyaa fi Azeerbaajaan sadaffaan bara 2017 Finfinneetti gaggeeffame hariiroo siyaasaa biyyoota lameenii sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu eeranii, waljijjiirraan beekumsaa fi muuxannoo akka cimee itti fufu hubachiisaniiru.

Keessumaa deeggarsa Azeerbaajaan sirna tajaajila mootummaa giddugala tokkoo Mesob fooyyessuuf Itiyoophiyaaf taasifte dinqisiifatanii, tumsi kun tajaajila mootummaa ammayyeessuuf tattaaffii jiru keessatti gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan nagaa waaraa mirkaneessuuf marii biyyaalessaa gaggeessaa jiraachuu ibsanii, mariin kun ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuuf gahee guddaa akka qabu hubachiisaniiru.

Dabalataanis, haaromsa biyyaalessaa, hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa fi misooma koriidarii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu eegumsa naannoo, misooma itti fufiinsa qabu fi ammayyeessa magaalotaa saffisiisuuf gumaacha olaanaa gochaa jiraachuu dubbataniiru.

Damee dipilomaasii paarlaamaa keessatti gareewwan michummaa biyyoota lameenii seera baasuu, ijaarsa dandeettii dhaabbilee, sirna paarlaamaa dijitaalaa fi hirmaannaa uummataa guddisuu irratti tumsa isaanii caalaatti cimsuu akka qaban ibsaniiru.

Keessumaa walitti dhufeenyi miseensota paarlaamaa dargaggootaa fi dubartootaa cimuun hariiroo uummataa biyyoota lameenii gidduu jiru akka guddisu himaniiru.

Dhuma irrattis, Itiyoophiyaa fi Azeerbaajaan dameewwan siyaasaa, paarlaamaa, dinagdee, daldala, invastimantii, tuuriizimii, anniisaa, jijjiirama qilleensaa fi dameewwan biroo fedhii waloo qaban keessatti tumsa isaanii daran cimsuuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.

Comments (0)
Add Comment