Finfinnee, Qaammee 5, 2018 (FMC)- Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyawu Tashaagar bara haaraa 2019 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Obbo Aganyawu ergaa isaaniin ,barri haaraan namoonni kaleessarraa akka barataniifi boru abdiin ijaaruuf imala haaraa kan itti eegalaniidha jedhan.
Itiyoophiyaan aadaa, afaan duudhaa hedduu qabaachuu eeruun, heddumminni kun qabeenyaa fi miidhagina walooti malee kan qoodinsaa miti jedhan.
Barri haaraan seenessi garaagartee kan itti cabu, tokkummaan sabdaneessummaa kan itti bu’uureeffamuu akka ta’uu hawwii gaarii qaban ibsaniru.
Manni Maree Federeeshinii jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormii gaggesseen itti gaafatamummaa mootummaan itti kenne sadarkaa olaanaan bahachuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Manni marichaa walqixxummaa ummattootaarratti kan hundaa’e tokkummaan sabdaneessummaa akka cimu, hiikni heera mootummaa akka kennamuu fi qoodinsi galii mootummaa federaalaa fi naannoolee akka fooyya’uuf hojiileen hojjetamuu kaasaniiru.
Obbo Aganyawu Itiyoophiyaanota hundaaf barri haaraan kan nagaa, jaalalaa, tokkummaa fi Badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.