Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Ajandaaleen walitti qabaman gurmaa’uun wixinee xumuraa ajandaa bocamuuf qophaa’aa jiru jedhe Komishiniin Maree Biyyaalessaa.
Komishiniin Maree Biyyaalesaa Itiyoophiyaanoota biyya keessaa fi alaarraa ajandaa walitti qabuun kan yaadatamuudha.
Ajandaaleen naannolee, bulchiinsa magaalotaa, sadarkaa federaalaa fi hawaasa Diyaaspooraa walitti qabaman wixinee xumuraa ajandaa bocamuuf qophaa’uu ibse komishinichi.
Bakka buutoonni hawaasa sadarkaa aanaalee, naannolee, bulchiinsa magalootaa, federaalaa fi hawaasa Diyaaspooraa waliigalaan namoonni kumni 4 Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiya dhiyeenyatti gaggeeffamurratti ni hirmaatu.
#Oromia #Ethiopia