Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ajandaalee Yaa’ii Maree Biyyaalessaa ifoomseera.
Ajandaalee guguddoon 8 kan adda bahan yoo ta’u, isaaniis:
1 Ijaarsa biyyaa,
2.Caaseffamaa fi Gurmaa’insa mootummaa, akkasuma bakka bu’iinsa siyaasaa fi filannoo,
3. Magaaloota Federaalaa,
4.Dhimmoota Amantaalee,
5.Ijaarsa Dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi dhimmoota namoomaa,
6.Dhimmoota Hawaas diinagdee fi Horsiisee bultootaa fi qonnaan bultootaa
7.Malaammaltummaa fi Bulchiinsa Gaarii,
8.Ijaarsa Nageenyaa ta’uu ibsameera.