Ministirri Ittisaa RDFI Mahaammad Idriis Ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2019 (FMC) – Ministirri Ittisaa RDFI Mahaammad Idriis Ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom-Emisbargar waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis haala nageenyaa yeroo ammaa, ijaarsa nageenyaa fi dhimmoota naannawaa irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Ministirri Ittisaa Mahaammad Idriis, waraanni kun fedhii Itiyoophiyaatiin kan ka’e ta’uu baatus, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa nageenya uummataa kabajuun yeroo gabaabaa keessatti haleellaa sana gahumsaan qolachuu akka danda’e marii isaanii keessatti ibsaniiru.

Yeroo ammaa Naannoo Tigraayitti bulchiinsi yeroo ce’umsaa hundaa’ee, ji’oota jaha booda filannoon dimokiraatawaa akka gaggeeffamuufi naannichi ofiin of bulchuu akka danda’uuf haalli mijataa jiraachuus ibsaniiru.

Kana malees, mootummaan loltoota duraanii sagantaa DDRn gara hawaasaatti deebisee makuuf hojii hojjechaa jiruuf Gamtaan Awurooppaa akka deeggaru gaafataniiru.

Kana malees, fedhii misoomaa uummata naannichaa gama hundaan jiru guutuuf, walitti bu’iinsa booda dhaabbilee hawaasummaa deebisanii hojiitti galchuuf, sochiiwwan misoomaa jalqabuuf akkasumas hawaasicha gara jireenya idileetti deebisuuf tattaaffii mootummaan taasisaa jiru Gamtaan Awurooppaa akka deeggaru gaafachuun isaanii ibsameera.

Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom-Emisbargar gama isaaniin, adeemsawwan Naannoo Tigraay keessatti raawwatamaa jiran dhiyeenyaan hordofaa akka jiran fi odeeffannoo duraan qaban caalaa hubannoo ifa ta’e argachuu danda’uu dubbataniiru.

Gamtaan Awurooppaa tattaaffiiwwan mootummaan nageenya buusuufi deebisanii ijaaruu irratti mul’isaa jiruuf deeggarsa barbaachisaa ta’e hunda akka kennu mirkaneessuu isaanii Miidiyaan Onlaayinii Ministeera Ittisaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Comments (0)
Add Comment