Alaabaan keenya ibsituu tokkummaafi waliigaltee biyyaalessaati- Dooktar Biqilaa Hurrisaa  

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) – Alaabaan keenya ibsituu tokkummaafi waliigaltee biyyaalessaati jedhan Ministirri Qindeessa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaan.  
 
Waajjirri Muummee Paartii Badhaadhinaa Guyyaa Alaabaa 19ffaa bakka hoggantoonni olaanoon fi miseensonni Paartichaa argamanitti kabajeera.
 
Dooktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana, biyya keenya keessa garaagarummaan aadaa, amantaafi afaanii jiraatus Alaabaan keenya kan walitti nu hidhu ibsituu tokkummaafi waliigaltee biyyaalessaati jedhan.
 
Guyyicha wayita kabajnu dhaloonni  wal harkaa fudhee asiin kan gahe bilisummaafi birmadummaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf itti gaafatamummaa dabalataa  akka qabnu yaadachuuni jedhaniiru.
 
Abbootii dhiigaafi lafee isaaniin Itiyoophiyaa cimsanii asiin gahaniif galani kan maluuf ta’uus kaasaniiru.
 
Seenaa kabajuu qofa osoo hin taane ittigaafatamummaafi wareegama gara fuulduraatti nurraa eegamu beeknee qophaa’uun hojiilee birmadummaa hunda galeessa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjechuun barbaachisaa jedhaniiru.
 
Birmadummaa diinagdee, badhaadhina mirkaneessuufi biyya gama maraan bilisummaa ishee kabajjeefi of kabachiiste uumuuf jecha gochatti hiikuun akka barbaachisus ibsaniiru.
 
Dameewwan hojii bobbaanerratti Itiyoophiyaan biyya oomishtu, hiyyummaa keessaa akka baatuufi biyya ofiisheerra darbitee warreen kaaniif haftu akka taatuuf hojjechuun akkasumas birmadummaa ishee mirkaneessuun Alaabaa ishee olkaasuuf tokkummaan hojjechuu qabna   jedhaniiru.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Comments (0)
Add Comment