Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2019 (FMC) — Imalli guddinaa itti aanu birmadummaa dinagdee mirkaneessuun biyya keenya hirkattummaa gosa kamiirraayyuu bilisa baasuu dha jedhanb Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen.
Guyyaan Alaabaa mata-duree “Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaa fi Tokkummaa Keenyaaf” jedhuun sagantaalee garaagaraatiin kabajamaa jira.
Pirezidaantiin Taayyee Atsqasillaasee sirna kabaja Guyyaa Alaabaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti kabajame irratti argamuun ergaa dabarsaniin, qormaatilee dameewwan garaagaraan mudatan keessa darbaa jiraannus piroojektoota gurguddoo saffisaan xumuruu, wabii nyaataa mirkaneessuu, dameewwan ittisaa, nageenyaa fi tasgabbii ammayyeessuu, akkasumas dameewwan hawaasummaa keessatti bu’aawwan olaanoo galmeessuu dandeenyeerra jedhan.
Boqonnaan guddina keenyaa itti aanu dinagdee irratti birmadummaa dinagdee guutummaatti mirkaneessuu fi biyyattii hirkattummaa gosa kamiirraayyuu bilisa baasuu dha jechuunis hubachiisan.
Birmadummaa midhaan nyaataa mirkaneessuuf ijaarsa warshaa xaa’oo guddaa jalqabame, akkasumas karoorri qabeenya gaasii uumamaa galtee humnaafi indaastiriif fayyadamuuf karoorfame, piroojektoota biyyaalessaa oomishtummaa guddisuun gumbiin midhaanii biyyattii guutee akka irraa hafuuf humna uum,anii dhas jedhan.
Miidhagina heddummina keessaa kabajuun, yaadota furmaataa marii biyyaalessaas bu’uura godhachuun nageenya waaraa, dinagdee cimaa fi sirna mootummaa ammayyaa ijaaruun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Mootummaan yeroo hundaa nageenyaa fi waliigaltee biyyaaleessaaf ejjennoo cimaa akkaqabu ibsuun, nageenyi daandii namoota ogummaa fi hubannoo qabanii waan ta’eef, karaa nagaa hordofuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaaf boqonnaa malee kannene jeequmsa qopheessan, afaaniin du’aa fi badiisa kanneen labsan, akkasumas gocha badiisaa isaaniin wareen of tuulan hunda yeroo bakkatti galchuu dandeenyurra geenyeerras jedhan.
Warri fincilaafi badiisa dhalootaa dhalootatti dabarsuuf carraaqan hundi yeroob kan qaroominaa waan ta’eef, yeroo waliin tarkaanfachuu akka qaban dhaamaniiru.
Carraan Itiyoophiyaa yeroo hunda biyya ammayyeessuu, guddisuu, cimsuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu malee gonkumaa gara duubaatti deebi’uu akka hin taane, akka hin danda’amnes hubachiisuu
Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Alaabaa biyya keenyaa kabachiisuuf gammoojjii fi bosona keessatti, qorraa fi ho’a cimaa keessatti, halkanii fi guyyaa osoo hin jedhin balaa keessaa fi alaa irraa eeguuf aarsaan kaffalaa jirtan dhaloota hundaan kabaja ni argata jechuunis ibsaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Malkaam Fiqaaduutiin