Artiisti Daawitee Makonniin turtii waggaa 27 booda gara Itiyoophiyaa dhufe

Finfinnee, Fulbaana 15, 2019 (FMC) – Artiisti buleessi Daawitee Makonniin turtii waggaa 27 booda har’a gara Itiyoophiyaa dhufeera.

Artiisti Daawiteen wayita Buufata Xayyaaraa idil Addunyaa Boolee gahu angawoota mootummaa olaanoonifi abbootii gadaan simatameera.

Turtii waggaa dheeraa booda gara biyya isaa dhufuutti gammachuu guddaan itti dhagahamuu ibseera.

Turtii Itiyoophiyaatti taasisuun koonsartii mata dureen isaa “An dhufeen jira” Irreechaafi sana booda qabuun dinqisiifatoota isaa waliin akka wal argu kaaseera.

Magaalaa Fincaa’aatti dhalatee kan guddate Daawwiteen bara 1980’moota keessa sagalee kiilooleen sirboota jaalalaafi qabsoo ‘Soolanee, Farda Gurraachaafi kanneen biroo akkasumas Artiisti Ilfinash Qannoo waliin ‘Sangaa Fardaa dulloomee utaalcha gaafatuuree’ jedhee weellisuun qalbii jaallattoota Sirba Afaan Oromoo boji’aa ture.

Artiisti Daawwiteen jalqaba 1990 keessa Albama Andhuufeen jiraa maxxanseenis dhageettii horateera.

Haannaa Bayyanaatiin.

Comments (0)
Add Comment