Finfinnee, Onkoloolessa 29, 2019 (FMC) – Atileet Liqnaa Ambaaw dorgommii fiigicha qaxxaamura biyyaa Itaalikaa Ispeenitti har’a gaggeeffame injifatteetti.
Atileet Liqnaan dorgommii sadarkaa Warqee (Gold Level) Atileetiksii Addunyaatiin kennameef irratti daqiiqaa 30 fi sekondii 41’n xumuruun tokkoffaa baateetti.
Dorgommii kanarratti atileetiin Itoophiyaa kan biraan hirmaatte Yenenash Shimakkit ammoo sadarkaa 4ffaa qabachuun xumurteetti.
Atileet Liqnaa Ambaaw yeroo dhiyoo as dorgommii Buudaapest fi dorgommii fiigichaa daandii irraa kiiloo meetira 5 injifachuun ishee ni yaadatama.
Akkasumas, dorgommii fiigichaa qaxxaamura biyyaa Ispeenitti gaggeeffame kan biraa irratti injifachuun ishees kan yaadatamuu dha.