Ashaaraa magariisaa ibstuu fi bu’uura olka’iinsa Itiyoophiyaa ta’e

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2019 (FMC) – Sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi Anniisaa Haaromfamaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchise bu’aa qabatamaa galmeessuun addunyaarratti Itiyoophiyaa fi Afrikaa injifannoo goonfachiiseera.

Amma sagantaan ashaaraa magariisaa ibsituu Itiyoophiyaa ta’eera.

Hojiileen waggoota saddeettan darban keessa hojjetaman damee Dippiloomaasii Idil Addunyaan beekamtii fi fudhatama olaanaa argateera.

Itiyoophiyaan biyyoota ollaa isheetiif biqiltuuwwan dhaabbii kennuu, qajeeltoo waliin guddachuu hojiirra oolchaa fi imala olkaa’iinsaa ishee cimsitee itti fufaa jirti.

Kunis hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu caalmaatti cimsuun gahee Itiyoophiyaa naannawicha keessatti qabdu caalmaatti mirkaneessera.

Gama biroon Itiyoophiyaanis dandeettii anniisaa haaromfamaa qabdu fayyadamuun bu’uuraalee misoomaa anniisaa amansiisoofi itti fufiinsa qaban diriirsaa jirti.

Warraaqsi anniisaa Itiyoophiyaa ifa uumuu qofa osoo hin taane, bu’uura ce’umsa dinagdee, guddina indaastirii, babal’ina teeknooloojii fi badhaadhina uummataa mirkaneessudha.

Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa dabalatee Piroojektoonni gududdoon Itiyoophiyaan hojjettee fi hojjetaa jirtu fedhii humnaa biyya keessaa guutuu fi guddina indaastirii saffisiisuuf gumaacha guddaa bahataa jiru.

Biyyoota ollaaf dhiyaachuun madda galii ta’uurra darbee hariiroo dippiloomaasii cimsaa jira.

Itiyoophiyaan gara giddugala anniisaa fi dinagdee magariisaa Afrikaatti ce’uuf imalli eegalte milkaa’aa jiraachuu agarsiisa.

Kunis Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama qilleensaa addunyaa 32ffaa (COP 32) bara 2027 akka keessummeessituuf carraa uumeera.

Har’a Yaa’ii 31ffaan Jijjiirama Qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii Turkiyyee magaalaa Antaaliyaatti taa’amuu eegalee.

Yaa’iin Turkiyyee magaalaa Antaaliyaatti gaggeeffamu kun, mata-duree “jecharraa gara gochaa fi raawwiitti ce’uu’’ jedhuun har’aa eegalee guyyoota 12’f gaggeeffama.

Yaa’iin kun waltajjii Itiyoophiyaan ajandaa jijjiirama qilleensaa Afrikaa ittiin calaqqisiistudha.

Akkasuma itti gaafatamummaa yaa’ii 32ffaa qopheessuu ni fudhatti.

Faayinaansii qabeenya qilleensaa, adeemsa jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuu, ce’umsa anniisaa haqa qabeessaa fi dhiibbaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisu ajandaalee ijoo yaa’ichaa ta’uutu ibsame.

Faalama nyaataa qolachuu fi gadi lakkifama Gaazii Miiteenii hiri’isuun, ce’umsa anniisaa qulqulluu mirkaneessuu, magaaloota jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamataan ijaaruu, wabii fi nageenya nyaataa, Indaastirii magariisaa, eegumsa lubbu qabeenyaa galaana keessaa, sirni qabeenya qilleessaa fayya qabeessa kanneen jedhamanis ajandaalee biroo yaa’ichi bal’inaan irratti mari’atuudha.

Yaa’ichi yeroo jalqabaaf biyyoota lamatti qoodame.

Turkiyyeen qopheessituu fi Pireezidaantiidha, Ministirri Naannawaa biyyatti Muraat Kuruum yaa’icha ni dursu.

Awustiraaliyaan ammoo Pireezidaantii mariiti. Ministirri biyyattii Kiriis Boowan marii idilee ni dursu.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoosii fi hoggantoonni Olaanoon biroon Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa 31ffaarratti hirmaachuuf Turkiyyee magaalaa Antaaliyaa galaniiru.

Hoggantoonni biyyoota 200tti hiiqanii, Ministiroonnii fi bakka buutoonni dhaabbilee idil addunyaa Giddugala Agarsiisa Antaaliyaatti wal argu.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment