Finfinnee, Onkololeessa 30, 2019 (FMC) –Yaa’ii 31ffaan Jijjiirama Qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii Turkiyyee magaalaa Antaaliyaatti taa’amuu eegaleera.
Yaa’ichi mata-duree “jecharraa gara gochaa fi raawwiitti ce’uu’’ jedhuun har’aa eegalee guyyoota 12’f gaggeeffama.
Yaa’iin kun waltajjii Itiyoophiyaan ajandaa jijjiirama qilleensaa Afrikaa ittiin calaqqisiistudha.
Akkasuma itti gaafatamummaa yaa’ii 32ffaa qopheessuu ni fudhatti.
Faayinaansii qabeenya qilleensaa, adeemsa jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuu, ce’umsa anniisaa haqa qabeessaa fi dhiibbaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisu ajandaalee ijoo yaa’ichaa ta’uutu ibsame.
Faalama nyaataa qolachuu fi gadi lakkifama Gaazii Miiteenii hiri’isuun, ce’umsa anniisaa qulqulluu mirkaneessuu, magaaloota jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamataan ijaaruu, wabii fi nageenya nyaataa, Indaastirii magariisaa, eegumsa lubbu qabeenyaa galaana keessaa, sirni qabeenya qilleessaa fayya qabeessa kanneen jedhamanis ajandaalee biroo yaa’ichi bal’inaan irratti mari’atuudha.
Yaa’ichi yeroo jalqabaaf biyyoota lamatti qoodame.
Turkiyyeen qopheessituu fi Pireezidaantiidha, Ministirri Naannawaa biyyatti Muraat Kuruum yaa’icha ni dursu.
Awustiraaliyaan ammoo Pireezidaantii mariiti.
Ministirri biyyattii Kiriis Boowan marii idilee ni dursu.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoosii fi hoggantoonni Olaanoon biroon Yaa’ii kanarratti hirmaachuuf Turkiyyee magaalaa Antaaliyaa galuun kan yaadatamuudha.
Hoggantoonni biyyoota 200tti hiiqanii, Ministiroonnii fi bakka buutoonni dhaabbilee idil addunyaa Giddugala Agarsiisa Antaaliyaatti mari’atu.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa