Finfinnee, Adoolessa 22, 2018(FMC)- Inisheetiiviiwwan jijjiirama biyyaalessaa booda bocamanii hojiirra ooluun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiran keessaa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa isa tokko.
Sagantaa kanarratti wagga waggaan lammiileen biyyattii miiliyoonatti lakkaa’aman gamtaan bahuun biyya isaaniif ashaaraa isaanii kaa’aa turaniiru; kaa’aas jiru.
Sagantaan kun kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin bara 2011 kan eegale yoo ta’u bu’aalee damdaneessa galmeessisaa jira.
Biqiltuuwwan ashaaraa magariisaa waggoottan darban keessa dhaabaman madaala uumamaa eeguurra darbanii diinagdee utubuu eegalaniiru.
Keessumaa biqiltuuwwan nyaataaf oolan kanneen akka Avokaadoo, Paappaayyaa fi Muuzii sagantaa Kanaan dhaabaman diinagdee maatiifi biyyattii deeggaraa jiru.
Kana malees gabaa alaaf dhiyaachuun biyyattiif sharafa alaa argamsiisuu jalqabaniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa oomishaafi oomishtummaa dammaa guddisuu keessattis gaheen bahachaa jiru kan akka laayyootti ilaalamu miti.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Kanaan dura ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, sagantaan Ashaaraa Magariisaa eegumsa qabeenya qilleensaa keessatti qooda qabu gamasitti yeroo ammaa Itiyoophiyaatti oomisha dammaa irratti bu’aalee qabatamaa galmeessisaa jira jechuun ragaa bahanii turan.
Walumaagalatti sagantaan kun madaala uumamaa eeguun oomishaafi oomishtummaa guddisuun akkasumas biqiltuuwwan nyaataaf oolan babal’isuun tattaaffii wabii midhaan nyaataa biyyattii mirkaneessuuf godhamu keessatti shoora isaa bahachaa jira.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia