Awutoobusoonni magaalichaa lammiilee miiliyoona 1.5’f tajaajila kennaa jiru

Finfinnee, Ebla 19, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Tajaajila Awutoobusii Finfinnee guyyaatti lammiilee miiliyoona 1 fi kuma 5’f tajaajila kennaan jira jedhe.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Akaaluu Asaffaan hanqina boba’aan walqabatee tajaajilachi akka hin danqamneef hojjechaa jirra jedhaniiru.

Kan barattootaa dabalatee Awutoobusoota kuma 1 fi 200’n sararoota 212 irratti hanga galgala sa’aatii 4:00’tti tajaajila kennaa jiraachuu eeraniiru.

Guyyaa guyyaan lammiileen miiliyoona 1 fi kuma 400 hanga miiliyoona 1 fi kuma 500 geejjibsiifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dandeettiin fe’uu, deddeebi’uu fi uwwisni kiiloomeetiraa Awutoobusootaa dabaluu himuun, Awutoobusiin tokko guyyaatti si’a 13 akka deddeebi’uu fi uwwisni kiilomeetira isaas 160 gahuu ibsaniiru.

Awutoobusoota irratti JPS hidhuun eessa akka jiraniifi sa’aatii eeyyamameefiin ol akka hin dhaabbanne kan hordofaman ta’uus eeraniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment