Finfinnee, Ebla 23, 2018 (FMC) – Ayyaanni Hojjettoota idil Addunyaa bara Faranjootaa baatii Caamsaa guyyaa jalqabaa kabajama.
Ayyaanni kun hojjettoonni miiliyoonaan lakkaawwaman mirgaa fi kabaja isaanii eegsisuuf qabsoo fi dhamaatii taasisan yaadachuuf kabajama.
Ayyaanni kun bara Faranjootaa 1886 Ameerikaa magaalaa Chigaagootti kabajamuu eegale.
Yeroon sun wayita hojjettoonni guyyaan sa’aatii 16 akka hojjetan dirqisiifaman ture.
Hojjettoonni magaalaa Chigaagoo dhaadannoo ‘sa’aatii 8 hojiif, sa’aatii 8 boqonnaaf, sa’aatii 8 ofii keenyaaf’ jedhuun qabsoo gaggeessaa turan.
Kunis seerri haaraan akka bahu bu’uura kaa’eera.
Yeroo sanaa eegalee Caamsaan tokko guyyaa hojjettootaa jedhamee waggaa waggaan kabajamaa jira.
Itiyoophiyaattis waggoottaan 51 darban keessa guyyaan kun sadarkaa biyyaatti kabajamaa tureera.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan kan hojjettu dhiiga abbootii qofaan osoo hin taane nuufi dafqa akka ta’u amanne hojjechaa jirra jedhan.
Gumaachi hojjettootaa ijaarsa biyyaaf daran olaanaa ta’uu ibsan.
Egereen Itiyoophiyaa qa’ee Indaastii guddichaa hanga dhaabbilee Teeknooloojiitti, damee qonnaa hanga tajaajilaatti hundi isaanii dafqaa fi abshaalummaa hojjettootaan ijaaramaa jiru jedhan.
Kunis hojii qofa osoo hin taane kalaqaa fi cichoomina dabalata jedhan.
Daandiwwan itti fayyadamnu, gamoowwan keessa jiraannuu fi midhaan nyaataa jirru agarsiiftuu ta’uu eeran.
Guyyaan hojjettootaa har’a sadarkaa Idil Addunyaatti yeroo 137ffaa fi akka Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 51ffaaf mata duree ‘ mirga hojjetaa kabajuun nageenyaa Indaastirii fi oomishtummaaf bu’uura’ jedhuun kabajamaa jira.
Guyyaan kun wayita yaadatamu hojjettoonnii fi hojjechiistonni, oomishtummaa guddisuun fayyadamummaa haalaan cimsuun ta’uu qaba.
Qaamoleen hundi hanqinaalee jiran maksuun tumsa cimsuuf waadaa galuun gochaa qabatamaaf deebii kennuuf ka’uutu irra jiraata.
Soosinnaa Alamaayyootiin
#Oromia #Ethiopia