Ayyaana Mawuliidaa warreen rakkatan gargaaruun fi walooma cimsuun kabajuu qabna- Mana Marichaa

Finfinnee, Hagayya 14, 2018 (FMC)- Ayyaana Mawuliidaa warreen rakkatan gargaaruun fi walooma cimsuun kabajuu qabna jedhe Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa.

Manni Marichaa kaba Ayyaana Mawuliidaa kuma 1 fi 501ffaa ilaalchisee guyyaa har’aa ibsa kenneera.

Barsiisa Nabiyyuu Mahaammad yaadachuun warreen rakkatan gargaaruun ayyaanicha kabajuun barbaachisaa ta’uu ibseera.

Ayyaanichi mata duree “Nabiyyii Haqaa” jedhuun Kibxata dhufu Masjiida Anuwaaritti haala ho’aa ta’een akka kabajamu koreen ayyaanichaa ibseera.

Korichi uummata musliimaa hundaaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment