Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa baajata karaa iftoominaafi haqa qabeessa ta’een qooduun bu’aa barbaadamuuf oolchuuf hojii bal’aa hojjetaa jira Jedhe Biiroon Maallaqaa Oromiyaa.
Biirichi guyyaa har’aa manneen hojii naannoo waliin sagantaa dhaggeeffannaa baajataa bara 2019 geggeessuu eegaleera.
Saganticharratti haasawaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Gaddafaa, karoora bahe hojiirra oolchuuf baajatni murteessaa ta’uu ibsanii, kanaanis mootummaan naannoo Oromiyaa waggaa gara waggaatti hoji bal’aa hojjechaa turuu himaniiru.
Hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa galii naannoo guddisuun isa tokko ta’uu dubbatanii, kanaanis galiin naannoo duguugamee akka galuuf hojii bu’ a qabessi hojjetamuu kaasaniiru.
Qooddi baajataa keessaa kan galii Naannoo irraa argamu %25 gadi ture yeroo ammaa gara %70tti guuddateera jedhan.
kunis misoomni naannichaa akka guddatuuf gumaacha olaanaa taasisuu ibsaniiru.
Baajanni karaa iftoominaafi haqa qabeessa ta’een qoodamuu akka qabu eeruun, kana hojiirra oolchuuf imaammata irratti hundaa’e baajata qopheessuu irra darbee mariin hubannoo wal fakkaatu qabaachuun iftoomina baajataa uumuuf hojjetamaa jira jedhan.
Iddoowwan xiyyeefannoo barbaadaniif dursa kennamee hojjetamaa jiraachuufi bara baajataa 2019tti bakka qaawwaan misoomaa jiru adda baasuun baajanni akka qabamuuf wixineen qophaa’e hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kanaanis pirojektoota jalqabamanii hin xumuramneef dursi kan kennamu ta’uu akeekaniiru.
Hawaasni gibira kaffalus ta’ee kan baajata kana hojiirra oolchu maallaqa mootummaa karaa bu’aa qabeessa ta’een akka hojiirra oolu tumsuun gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban dhaamuu ragaan BKO ni mul’isa.