Baatiwwan kurnan darban daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 8.7 argame – Ministeericha

Finfinnee,Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Baatiwwan kurnan darban keessa daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 8.7 argame jedhe Ministeerri Maallaqaa.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen wixinee labsii baajata bara 2019 miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniiru.

Bara baajataa 2018 baatiwwan kurnan darban keessa daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 8.7 argamuu ibsan obbo Ahimad Shiideen.

Kunis kan bara darbeerra % 38.9 guddina agarsiisuu ibsan.

Hanga xumura bara baajataa kanaatti daldala alaarraa Doolaara biiliyoona 10.5 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Baatiwwan kurnan darban keessa Itiyoophiyaan daldala alaa galchiin Doolaara biiliyoona 18.4 gara biyya keessaa galchuu kan eeran obbo Ahimad Shiideen, kunis kan bara darbeerra % 17.9 guddina qabaachuu kaasan.

Wixineen labsii baajata mootummaa Federaalaa bara 2019 lakkoofsa 24/2018 ta’uun Koree Dhaabbii Dhimmoota Pilaanii fi Faayinaansiif qaljeelfameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment