Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018(FMC)- Badhaadhinni dhugaan kan dhufu humna, qabeenyaafi beekumsa lammiilee ida’uun fayyadamuun yoo danda’amedha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Goorootti duula tajaajila tola ooltummaa waqtii Gannaa bara kanaa eegalchiisaniiru.
Wayita kana ergaa dabarsaniin, hojiileen tajaajila tola ooltummaa waggoottan darbanii bu’aa hedduu argamsiisuu ibsan.
Baajata mootummaa qofaan badhaadhinni waaraan mirkanaa’uu akka hin dandeenye kaasanii, badhaadhinni dhugaan kan dhufu lammiileen miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol ta’an humna, qabeenyaafi beekumsa isaanii yoo walitti ida’an ta’uu eeraniiru.
Kanaaf ammoo oolmaa daa’immanii kuma 35 waggoottan shanan darbanitti hirmaannaa hawaasaan ijaaraman akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Hojiin tajaajila tola ooltummaa irra jireessaan ijaarsaafi haaromsa manneen namoota harka qalleeyyii akka hammatus ibsaniiru.
Dabalataanis biqiltuuwwan mandhaleefi fuduraa dhaabuun akkasumas hojiin eegumsa naannoo qaama tajaajila tola ooltummaa ta’uu eeraniiru.
Hojii tajaajila tola ooltummaan hojiileen bu’aa qabeeyyiin rakkoolee guyya guyyaa hawaasaa furan hedduun hojjetamuus kaasaniiru.
Kanneen keessaas ijaarsi daandiiwwan baadiyyaa, riqichawwan xixiqqaa, Faarmaasiiwwan fi oolmaa daa’immanii kan eeraman ta’uu ibsan.
Akkuma bara darbe Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti hojjetame magaalaa Walisootti hojiin ijaarsa manneen jireenyaa eegalamu eeraniiru.
Yeroo itti aanutti hawaasni naannolee, godinaaleefi aanaalee hundaa waliin ta’uun manneen jireenyaa, manneen barnootaa, daandiiwwan, riqichawwan, Faarmaasiiwwan fi keellaawwan fayyaa akka ijaaraman eeraniiru.
Soosinnaa Alamaayyoon.
#Oromia #Ethiopia