Bara oomishaa 2018/19’f galteewwan qonnaa hanqina tokko malee dhiyeessuuf hojjetamaa jira – Ejansicha

Finfinnee,Waxabajjii 3, 2018 (FMC) – Bara oomishaa 2018/19’f galteewwan qonnaa hanqina tokko malee dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhe Ejansiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa.

Bara kana Naannoon Oromiyaa xaa’oo kuntaala miiliyoona 14 ol dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu Ittaantuu Hoggantuun Ejansii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa aadde Hinseenee Mahaammad ibsaniiru.

Xaa’oo haaraa bara kana galee fi kan bule dabalatee hanga ammaatti Xaa’oo kuntaalli miiliyoonni 8.4 ol dhiyaachuu kaasan.

Kan dhiyaate keessaa kuntaalli miiliyoonni 4.1 raabsamuu ibsan.

Xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 3.27 qonna waqtii bonaa fi arfaasaa qonnaan bultootaaf raabsamuu himan.

Sanyiin filatamaanis kuntaalli kumni 300 fi kumni 78 ol dhiyaachuu eeran.

Godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti qonnaan bultoonni xaa’oo karaa Diijitaalaan bitachaa jiraachuu dubbatan.

Qonnaan bultoonni akkaataa karaa diijitaalaan xaa’oo bitachuu danda’aniirratti hojiin haala mijeessuu fi hubannoo cimsuu hojjetamaa turuu kaasaniiru.

Bara oomishaa kana xaa’oos ta’ee sanyiiwwan filatamaan hanqina tokko malee yeroo isaa eegee qaama dhimmi ilaallatu bira akka gahuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbatan aadde Hinseeneen turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii waliin taasisaniin.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment