Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraayitti barachaa turan Yuunivarsiitiiwwan birootti yeroo muraasaaf akka ramadaman murtaa’e

Finfinnee, Fulbaana 4, 2019 (FMC) – Haala yeroo ammaa naannoo Tigraay keessa jiru irraa kan ka’e Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraay Jiranitti barachaa turan Yuunivarsiitiiwwan birootti yeroo muraasaaf akka ramadaman murtaa’eera jedhan
Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan

Pirofeesar Birhaanuu Naggaan barattoota yuunivarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti barachaa turanii fi haala yeroo ammaa naannichatti uumameen barumsa isaanii itti fufuu hin dandeenye furmaata gaafatan waliin mari’ataniiru.

Pirofeesar Birhaanuun wayita kanatti, barattoonni yuunivarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti barachaa turan gara yuunivarsiitiiwwan mootummaa biroo nageenyi isaanii itti eegamuu danda’utti yeroo muraasaaf ramadamanii barumsa isaanii akka itti fufan murtaa’uu ibsaniiru.

Dargaggoonni yeroo ammaa xiyyeeffachuu kan qaban barumsa isaanii qofarratti ta’uu hubachiisuun, gara fuulduraatti lammiilee biyya isaanii irraa itti gaafatamummaa fudhatan akka ta’an gochuun itti gaafatamummaa lammiilee hundaa ta’uu ibsaniiru.

Biyya bu‘uureessuun kan danda’amu dhaloonni har’aa dhaloota boruuf yaaduu yeroo jalqabuudha kan jedhan Piroofesar Birhaanuun, barattoonni haala jiru keessa bahan mirga nagaan jiraachuu fi barachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Haaluma kanaan lammiilee boruu biyya kana dhaalan karaa garaagaraatiin simachuu fi barumsa isaanii gufuu tokko malee akka itti fufan gochuun barbaachisaa ta’uu isaan irratti xiyyeeffatamuu qaban jedhan.

Barattoonni galmeef qaamaan gara Ministeera Barnootaa deemuun kan isanairra hin eegamne ta’uu eeruun, Har’a galgala irraa eegalee, appilikeeshinii interneetii ifatti beeksifamu fayyadamuun galmaa’uu akka danda’an beeksisaniiru.

Yeroo galmees, barattoonni yuunivarsiitii kanaan dura itti barachaa turan, waggaa barnootaa isaanii fi sagantaa barnootaa itti barachaa jiran ibsuun, bakka jiranitti argamanii foormii dabarsa yeroo gabaabaa keessatti akka guutan ragaan Ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment