Barri baajetaa 2018 fedhii uummataa kan itti deeebisnuu dha – Adaanech Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 13, 2017(FMC) – Barri baajetaa 2018 milkaa’inoota bara kana arganne cimsinee kan itti fufnu akkasumas fedhii uummatichaa kan itti deebisnuudha jedhan kantiibaa Adaanech Abeebee.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee raawwii karoora bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti wayita mari’atu kantiibaa Adaanechi Abeebeen akka dubbatanitti, gama hirmaannaa uummataa, aadaa hojii cimsuu fi oggansi walhubatee hojjechuutiin milkaa’inonni hedduun galmaa’aniiru.

Bara 2017tti bulchiinsa gaarii, misooma koriidarii, qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu, pirojeektota xumuruu fi hojiiwwan biroo %95’n raawwachuun danda’emeeras jedhan.

Bara itti aanutti oomishaa fi oomishtummaa guddisuun, wiirtuuwwan gabaa babal’isuun, dukkaanota daldalaa fi sheedota ijaaruun, oomishaalee bakka bu’oo oomishuun, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu irratti xiyyeeffannnaan akka hojjetamus eeraniiru.

Dabalataanis lammiilee kuma 300 fi kuma 50’f carraan hojii ni uumamaa kan dubbatan aadde Adaanech, misoomni koriidarii, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa, nagaa fi tasgabbiin, ijaarsi dhaabbilee, misoomni manneenii fi hojiiwwan biroon cimanii akka itti fufan kaasaniiru.

Comments (0)
Add Comment